3/31/2021 0 Comments Seenaa Oromoo Durii
Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa.Achirraa kaeen anis mee waanan dur beeku ykn dhagaye tokko tokko dubbistootaaf dhiyeessa jedhee barruu gabaabaa kana qopheesse.
Duraan dursee, oduu durii kanaan nu booharsuu isaatiif Obboo Beekan galateeffachuun barbaada. Kana qofaa otuu hin taane, wanti biraa kan Obboo Beekan Gulummaa Irranaa galata guddaa ittiin argachuu qabu, kitaabota adda addaa barreessuudhaan; guddina hogbarruu Afaan keenyaa keessatti gahee guddaa taphachuu fi qooda guddaa gumaachuu isaa ti. Kanaafis, anis akka ilma Oromoo tokkootti, carraa kanaan Obboo Beekan baayee galatoomi, jabaadhuu akkanumatti ittifufi jechuun barbaada. Jechootni tokko tokkollee naannoo tokkoo kan biraatti garaagarummaa qabaachuu malu. Haa tau malee, ani akkan naannoo itti dhaladhee guddadhetti waanan beekuf, akkuman beeku fi dhagayettan dhiyeessa. Wanti sirraayu ykn hirina qabu yoo jiraate, dubbistootni isa kana sirreessuu ykn waan hanqate itti dabaluu dandau. Amma deemanii deemanii bakkee dhaquu barbaadanitti yogguu dhiyaatan, dhaabbatanii (ejjetanii) akkamitti akka loon hatan waliin haasauu fi hojiis addaan qoqqooddachuuf karoora baafatan. Amma bofa ofitti yaamtee akkana jettiin: Yaa boofa rakkoo tokko qabna; leenci guddaa fi humna cimaa qabu kun, waa hundaanuu nu caala; kana malees kan karra bane loon akka bayan godhe isa waan taeef, booda nu hin nyaachisu waan tokko godhuu qabna jettiin. Akki gootu, yoo leenci dadhabee ciisee mugu ykn rafu suuta jedhiitii jala seeniitii summii keetiin iddii ajjeesi jettiin. Boftis akkuma itti himametti hojii isaa raawwatee, leenca sodaatamu akkanatti ofirraa ajjeesan. ![]() Yeroo kana andaaqqoon akkana jettiin: Yeroo bofti ofmaree ciisu, suuta jedhiitii mataa isaa tumiitii ajjeesi jettiin. Amma loon kana keessaa isa furdate filatanii qalachuuf qophaayu. Erga filatanii qalatan booda, andaaqqittiin shira ishii kan xumuraa hojiirra oolchuuf; hantuutaan akkana jetti: Yaa hantuuttoo, beektaa ati bar goota goota caaluu dha; rumicha bofa ajjeese sanuu malaan galaafattee jirta; amma akki gootu, foon jajiiitii morma keetitti maradhuutii, dhakaa (dhagaa) guddaarra bayiitii gootummaa keetiin dhaadadhu jettiin. Hantuutnis tole jedhee; akkuma itti himametti qophaayee; dhagaarra bayee otuu dhaadachaa jiruu cululleen bakkee dhuftee hin beekamne tasa foonuma sana wajjin hantuuticha fudhattee badde. Akkanatti andaaqqoon malaan (shiraan) hundumaa ofbiraa fixxee loon dhuunfattee hafte jedhama. Karaa biraatiin ammoo inni kun oduu qofaa otuu hin taane, gaafii xinnoo sammuu hojjisiisu dhas. ![]() Namtichi ammoo yeroo tokkoon waan tokko qofaa baatee laga sana ceesisuu dandaa. Yoo raee fi qeerrensa walbiratti dhiisee, raafuu fuudhee laga cee, qeerrensi raee nyaatee eguu dandaa. Yoo raee fi raafuu walbiratti dhiisee; qeerrensa fuudhee cee ammoo, raeen raafuu sana nyaattee eeguu dandeessi. Egaa akkamitti jara sadeen kana tokko tokkoon laga gamatti ceesisuu dandaa Deebiin gaafii kanaa dubbistootaaf banaa dha. Warri isa sana hin argin ykn irra deebianii yaadachuu barbaadan, isa armaan gadii kana ( the following link ) tuquudhaan dubbisuu dandau.
0 Comments
Leave a Reply. |
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |